Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
Oduu

Barattootni Oromoo Yunversitii Finfinnee Kiiloo 6 dhimma QBO irratti mare godhachuun isaanii gabaafame.

 

(Madda Oduu ABO/MOA/Hagayya 8, 2009) Oduun bubbulee nu dhaqqabe akka hubachiisetti barattootni Oromoo Yunversitii Finfinnee Kiiloo 6 walitti dhufuun dhimma QBO irratti marii taasisaniiru. Waytuma kanattis guyyaa murtiin diinummaa Finfinnee irratti darbe Adoolessa 13 yaadatanii akka oolan oduun kun dabalee hubachiisa.

Barattootni Oromoo kunniin ejjennaa fudhataniin hanga kaayyoon QBO galma ga’utti wareegama barbaachisu kafalaa, falmaa godhan kan itti fufan ta’uu addeessan. Gootowwan Oromoo qabsoo Oromoo irratti kufaniifis yaadannoo gochuudhaana keeka isaan kufaniif irraa osoo hin maqiin galaam gahuu akka qaban hubachiisaniiru.

******

Waraanni wayyaanee Godina Baha Oromiyaa ummata saamaa akka jiru gabaafame

(Madda Oduu ABO/MOA/Hagayya 8, 2009) aka Maddi oduu MOA ifa godhutti waraanni faashistii wayyaanee Baha Harargee mooraa waraanaa Addeellee qubatee jiru daandii konkolaataatti ba’uun konkolaattota ummataa Gaara Mul’ataatti deddeebi’an dhaabsisanii saamaa jiran. Kana malees konkolaattota baadiyaalee naannoo sanii keessaa jimaa gara magaalaatti fe’anis dhaabsisuun namoota irra jiran buusanii dhaanaa fi maallaqa irraa saamaa akka jiran oduun kun dabalee hubachiisa.

Ummatni saamamaa jiru kun maqaa ABO deggertuu fi WBO nyaachiftu jedhuunis akka malee akka hiraarfamaa jirantu gabaafame.

Naannoo Gaara Mul’ataatti basaasotni wayyaanee Tigroota ta’an kanneen Afaan Oromoo baratan maqaa albuudota barbaadna jedhuun bobba’anii ummata basaasaa akka jiranis maddeen keenya dabaluun beeksisaniiru.

  Namoota albuuda of harkaa qaban gowwoomfamanii itti gurgurachuuf itti dhaqan qabsiisanii hidhaatti darbaa fi eessaa fiddeen qormaataan gidirsaa jiraachuunis himameera. Ummatni basaasota wayyaanee kanneen irraa dammaqinaan akka of eeggatan sabboontotni Oromoo dhaamsa dabarsaniiru.

MOA


Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net